Telegram Group & Telegram Channel
Murtee manni Amantaa #Ortodoksii Tawaahidoo #Oromiyaa har'a dabarse ilaalchise #mootummaan maal jedhe?

Manni Amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Oromiyaa sabaafi sablammoota of keessatti hammachuun muudama gaggeesseera.

Manni Amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Oromiyaa phaaphasoota 26 sabaafi sablammoota biyyattiirraa filachuun muudama gaggeessuu hordofee,paatiriyaarkiin mana Amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa Bitsu Abuna Maatiyoos beekkamtii malee kan raawwateedha jechuun "seeraan ala"jedhan.

Hammam seerri Itoophiyaan bultuun mootummaan dhimma Amantii keessa seenuu akka hin qabne ajajus,qondaalonni olaanoon mootummaa federaalaa lama waa'ee dhimmichaa dubbataniiru.

Ministeerri tajaajila koominikeeshii mootummaa federaalaa Dr.#Laggasaa Tulluufi dhiheenya gorsaa Ministeera Muummee damee hawaasummaa ta'uun kan muudaman Diyaaqoon #Daani'eel Kibrat dhimichaan gadduu karaa miidiyaa hawaasaa isaaniitiin ibsatan.

Daandiin Waldaa Amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa sanyummaan qoqqooduuf deemame kan balaafamaa fi gaddisiisaa dha kan jedhan Diyaaqoon Daani'eel,"muudama seeraan alaa baadiyaa keessatti dhoksaan phaaphasoota muuduun,cubbuu seenaan dhiifama hin gooneefitu raawwatame"jechuun muudamni Oromiyaatti gaggeeffame kan baadiyatti dhoksaan raawwatame akka ta'e akeekan.

Dabaluunis,"Warri humnaa fi beekumsa waan kana dhaabuu osoo qaban dhaabsisuu dhaban gaafatama jalaa hin bahan ittiin jedhan.

"Yeroo wal qoqqooduu dhiifnee tokkummaa, jibba dhiifnee jaalalaa fi dhiifama gochuu dhaadannoo jedhuun sochoonutti taateen har'a mana Amantaa keenya tokkorraa dhageenye oduu gaddisiisaadha" kan jedhan Ministeerri tajaajila koominikeeshiinii Dr.Laggasaa Tulluu gamasaaniin, "Abbootiin rakkoo kana obsaa fi naamusa amantaatiin akka furan abdii qabna"

Dhimmicha gama siyaasaa fi naannoo adda ta’e kennuunis sirrii miti kan jedhan qondaalli kun,Dhimmicha abbootii amantaatiif dhiisuun sirna amantaa fi mana kiristaanaatiin haala jiru akka furan gochuun baay’ee barbaachisaa ta'uu himan.

tg-me.com/FFF_Media/4237
Create:
Last Update:

BY 3F Media

Warning: Undefined variable $i in /var/www/tg-me/post.php on line 280

Share with your friend now:
tg-me.com/FFF_Media/4237

View MORE
Open in Telegram

3F Media Telegram | DID YOU KNOW?

Date: |

Telegram Auto-Delete Messages in Any Chat

Some messages aren’t supposed to last forever. There are some Telegram groups and conversations where it’s best if messages are automatically deleted in a day or a week. Here’s how to auto-delete messages in any Telegram chat. You can enable the auto-delete feature on a per-chat basis. It works for both one-on-one conversations and group chats. Previously, you needed to use the Secret Chat feature to automatically delete messages after a set time. At the time of writing, you can choose to automatically delete messages after a day or a week. Telegram starts the timer once they are sent, not after they are read. This won’t affect the messages that were sent before enabling the feature.

The seemingly negative pandemic effects and resource/product shortages are encouraging and allowing organizations to innovate and change.The news of cash-rich organizations getting ready for the post-Covid growth economy is a sign of more than capital spending plans. Cash provides a cushion for risk-taking and a tool for growth.

3F Media from ar

Telegram 3F Media
FROM USA